Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin sosochii Abbootii qabeenyaa 70 ol hirmaachise gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Waxabajjii 13, 2016 (FBC) – Waltajjiin sosochii Abbootii qabeenyaa biyya keessaa 70 ol hirmaachise mata duree ‘lafa keenya abbootii qabeenyaa keenyaaf’ jedhuun gaggeeffamaa jira.
Waltajjiin sosochii Korporeeshinii Misooma Paarkiiwwan Indaastirii Itiyoophiyaan qophaa’e kun Indaastirii Paarkii Boolee Lammiitti gaggeeffamaa jira.
Waltajjii guyyoota lamaaf gaggeeffamu kanaan dhaabbilee biyya keessaaf haalli mijataan ni uumamaan eegama.
Hojii Raawwachiisaa Olaanaa Korporeeshinii Misooma Paarkiiwwan Indaastirii Itiyoophiyaa Obbo Akliluu Taaddasaa dabalatee hoggantoonnii fi abbootiin qabeenyaa biyya keessaa hojii Invastimantii garagaraarratti bobba’an 70 ol waltajjicharratti argamuu ragaan korporeeshinicharraa argame ni mul’isa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.