Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin nageenyaa naannolee Amaaraa fi Afaar gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Waxabajjii 19, 2012 (FBC) – Sadarkaa hoggansaatti, waltajjiin nageenyaa naannolee Amaaraa fi Afaar gaggeeffamaa jira.
 
Waltajjii kanarratti Preezdaantii naannoo Amaaraa obbo Tamasgeen Xirunaahi fi Preezdaantii naannoo Afaar obbo Awwal Arbaa dabalatee hoggantoonni damee nageenyaa naannolee lamaanii argamniiru.
 
Kaayyoon waltajichaa rakkoo nageenyaa darbee darbee naannolee lamaan gidduutti muul’atu furuu fi muuxxannoo gaggaarii waljijjiiruuf akka ta’e ibsameera.
 
Eegalamuu waltajjichaan dura hirmaattoonni kunneen mooraa Yuunvarsii Walloo keessatti biqiltuu ashaaraa magariisaa dhaabaniiru.
 
Naannoleen lamaan godinaalee 4 kan waldaangeessan ta’u Maas Miidiyaan naannoo Amaaraa gabaaseera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.