Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin muxannoo waljijjiirraa magaalaa Maqaleetti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Sadaasa 11, 2016 (FBC) – Babal’inaa fi Pilaanaa Magaalootaarratti xiyyeeffachuun waltajjiin muxannoo waljijjiirraa magaalaa Maqaleetti gaggeeffamaa jira.

Ministir Deetawaan sagantaa Babal’ina Bu’uuraalee Misoomaa fi dhaabbilee Magaaloota Ugaandaa fi Somaaliilaandi waltajjicharratti argamuu ibsameera.

Akkasumas ogeeyyiin Misooma magaalaa fi Kantiibaan magaaloota Itiyoophiyaa waltajjicharratti hirmaachaa jiru jedhame.

Waltajjiin kun hojiilee misooma magaalaa fi deebisanii ijaaruu magaalaan Maqalee yeroo itti aanu gaggeessituuf waltajjichi faayidaa olaanaa qabu ta’uu Pireezidaantiin Bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay Obbo Getaachoo Raddaamn ibsaniiru.

Waltajjiin muxannoo waljijjiiruu kun muxannoo biyyoota sadii ta’uu Ministir Deetaan Ministeera Magaalaa fi Bu’uraalee misoomaa Fantaa Dajan ibsaniiru.

Beezaawiit Kabbadaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.