Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin murtoo fi kallattii Paartii Badhaadhinaarratti xiyyeeffate naannoo Harariitti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Bitootessa 14, 2014 (FBC) – Waltajjiin murtoo fi kallattii Paartii Badhaadhinaarratti xiyyeeffate naannoo Harariitti gaggeeffamaa jira.

Koreen Hojii Raawwachistuu Paartii Badhaadhinaa Naannoo Hararii miseensoota waliin mariicha gaggeessaa jira.

Mariicharratti paartiin Badhaadhinaa akka naannichaatti  dhimmoota  olaantummaa seeraa kabachiisuun nageenyaa mirkaneessuu, malaanmatummaa ittisuu, babal’ina bu’uuraalee misoomaa, carraa hojii uumuu, qaala’insa jireenyaa tasgabbeessuu fi waliigaltee sabdaneessummaa uumurratti baatiiwwan torban darban keessa hojjetamaa ture irratti gabaasni bal’aan miseensootaaf dhiyaateera.

Marii kun bakka Preezdaantiin Naannoo Hararii Obbo Ordiin Badirii fi hoggantoonni olaanoon Paartii Badhaadhinaa sadarkaa Federaalaa argamanitti gaggeeffamaa jira.

Hinkoosaa Abdiisaatu gabaase

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.