Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin murtoo fi kallattii Paartii Badhaadhinaarratti xiyyeeffate iddoolee garaagaraatti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Bitootessa 14, 2014 (FBC) – Waltajjiin murtoo fi kallattii Paartii badhaadhinaarratti xiyyeeffatee magaaloota Adaamaa, Jimmaa, Asallaa fi Sabbataatti gaggeeffamaa jira.

Mariin uummataa murtoo fi kallattii Yaa’ii 1ffaa Paartii Badhaadhinaan darbee fi haala yeroo irratti fuulleffate jiraattoota Magaalaa Adaamaa waliin mari’atamaa jira.

Waltajjii Marii hawaasaa kanarratti Preezdaanti Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa, Miseensa Koree giddu galeessaa Paartii Badhaadhinaafi Itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Naannoo Amaaraa Obbo Girmaa Yashiixilaa fi Kantiibaan Magaalaa Adaamaa Obbo Hayiluu Jaldee argamuu ibsameera.

Haaluma walfakkatuun mariin kun bu’aa ba’ii waggoottan darbanii fi rakkoo dhimma nageenyaa fi  qaala’iinsa jireenyaa haala furuun danda’amuurratti hawaasa baldhaa waliin magaalaa Sabbataatti gaggeeffamaa jira.

Marii magaalaa Sabbataatti gaggeeffamaa jirun hogganaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Dooktar Tolaa Bariisoo fi hoggantoonni hojii mootummaa olaanoo biroon argamaniiru.

Bulchiinsa Magaalaa Asallaatti Murtoo Yaa’ii 1ffaa Paartii Badhaadhinaa dabarse Milkeessuu fi akkata rakkoo bulchiinsa garii  furuun danda’amurratti  Mariin Ummata  waliin gaggeeffama jira.

Haaluma wal fakkatuun magaalaa Jimmaatti miseensa koree hojii raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa fi Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti Bakka Bu’aa Mootummaa kan ta’an Obbo Tasfaayee Beeljigee fi miseensa koree Hoji raawwachiiftuu paartii Badhaadhinaa fi Itti Aanaan preezdaantii Mootummaa Naannoo Gambeellaa Obbo Taankiwaan Jook akkasuman sadarkaa Itti Aanaa Preezdaantii MNO tti qindeessaan kilaastara hawaasummaa Obbo Abdulhaakim Muluu argamanii hawaasa mariisisaa jiru.

Kaayyoon waltajjii kanaa gaaffii ummataa dhaggeeffachuu fi dhimmoota ijoo murtoo Yaa’ii Paartii Badhaadhinaa ummataaf iftoomina uumuu ta’uu ibsameera.

Lalisee Tefaayeetu gabaase

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.