Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin mootummaa naannoo Oromiyaa fi Paartii Badhaadhinaa Adaamaatti taa’amaa jira

Finfinnee, Hagayya 18, 2012 (FBC) – Waltajjiin marii raawwii karoora bara 2012 fi qophiin karoora mootummaa naannoo Oromiyaa fi Paartii Badhaadhinaa Adaamaatti taa’amaa jira.
 
Preezidaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan; fedhii fi faayidaa ummataa guutuuf caalmaan hojjechuun akka barbaachisu ibsaniiru.
 
Obbo Shimallis Abdisaa hojiin bara baajata darbetti hojjetame gaarii ta’uu himanii, darbee darbee rakkoon nageenyaa mudatu furamee hojiin xiyyeeffannoo akka hojjetamuuf qaamoleen nageenyaa hawaasa hirmaachisuu akka qaban eeran.
 
Nageenyaa fi misooma haala baratameen deemuun milkeessuun kan hin danda’amne waan ta’eef, hirmaannaa ummataa cimsuun ni barbaachisa jedhan.
 
Ittigaafatamaan Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa obbo Fiqaaduu Tasammaan; hanqinoota raawwii karoora bara darbee furuun, ciminoota gabbisuun hojjechuun akka barbaachisu eeraniiru.
 
Waltajjicharratti bulchitoonni godinaalee fi aanaalee, ittigaafatamtoonni paartichaa sadarkaa sadarkaan jiranii fi seektaroonni dhimmichi isaan ilaallatu marti irratti hirmaachaa jiru.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.