Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin marii waloo bulchiinsa daangaa Ityoophiyaa fi Sudaan Kibbaa jalqabaa milkaa’inaan xumurame

Finfinnee, Waxabajjii 28, 2016 (FBC) – Waltajjiin marii waloo bulchiinsa daangaa Ityoophiyaa fi Sudaan Kibbaa jalqabaa milkaa’inaan xumurame.

Bulchitoonni daangaa waloo biyyoota lamaanii waltajjii gaggeessaa turan ilaalchisee miidiyaaleef ibsa kennaniiru.

Waltajjiin waloon jalqabaa bulchiinsa daangaa guyyoota lamaaf Ministeera Dhimma Alaa FDRItti gaggeeffamaa ture milkiin xumuramuu ibsameera.

Walga’ii guyyoota lamaaf gaggeeffame kanarratti bu’uraalee misoomaa walta’iinsa diriirsuu, hariiroo ummata biyyoota lameenii haala dagaagsuun, nageenya naannawaa daangaa waareessuu fi dhimmoota biroorratti tumsaan hojjechuuf waliigalamuu ibsichi himeera.

Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Misgaanuu Argaa, Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa fi Tumsa Idil Addunyaa Sudaan Kibbaa Moondeey Samaayaa Kuumbaa, Pireezidaantiin Naannoo Gaambeellaa Obbo Umood Ujuuluu, Pireezidaantii Naannoo Ummattoota Kibba Lixa Itiyoophiyaa Dooktar Injinar Nagaash Wageeshoo, Ambaasaaddaroonni biyyoota lamaanii, Komishinaroota dabalatee qaamoleen dhimmi ilaallatu waltajjicharratti argamuu ibsameera.

Maraa’ool Kadirtu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.