Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin Marii Ummataa Magaalaa Gaambeellaa gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Guraandhala 7, 2016 (FBC)- Mata duree “Obbolummaa sabdaneessummaa nageenya waaraa fi badhaadhina hunda galeessaaf” jedhuun waltajjiin marii ummataa Magaalaa Gaambeellaatti gaggeeffamaa jira.

Waltajjichaarratti Miseensa Koree Hoji Raawwachiiftu Paartii Badhaadhinaa Fi Pireezidaantii Naannoo Giddugaleessaa Itiyoophiyaa Obbo Indaashaaswu Xaasoo, Hojii Raawwachiisaa Paartii Badhaadhinaa fi Afyaa’ii Ittaanaa Mana Maree Naannoo Hararii Obboo Ariif Mahaammad, Itti Gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Gaambeellaa fi Gorsaa Damee Gurmaa’ina Ummataa Pireezidaantii Naannoo Gaambeellaa Obbo Ashanee Astiin argamaniiru.

Maricharratti kutaaleen hawaasaa garagaraa, abbootii Amantaalee, Jaarsolii biyyaa, hoggantoota godinaa fi aanaalee hirmaachaa jiraachuun ibsameera.

Alamsaggad Asaayyeetu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.