Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin marii Sosochii misooma bunaa gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Muddee 18, 2012 (FBC) – Waltajjiin marii Sosochii misooma bunaa ogeeyyii godinaalee fi aanaalee bunni keessatti oomishamaa jiru hirmaachise gaggeeffamaa jira.

Hudhaawwan oomishtummaa, qulqullinaa fi gabaa bunaarratti jiru furuun qonnaan bultoonni buna oomishan irraa fayyadamoo akka ta’aniif mootummaan naannoo Oromiyaa xiyyeeffannoo olaanaan hojjechaa jiraachuu himameera.

Oomishaa fi oomishtummaa bunaa dabaluuf hojiin buna dulloomaa gamashuu xiyyeeffannoo guddaan hojjetamaa jira jedhameera.

Oomishaalee qonnaa al-ergii irraa galii argame keessaa bunni % 43 ta’uus ibsameera.

Waggaatti bunarraa galii Dooolaara miiliyoona dhibba 8 fi miiliyoona 38 argame keessaa qonnaan bulaan Doolaara miiliyoona dhibba 5 fi miiliyoona 3 qofa argachuu isaa dubbatameera.
Rakkoo kana furuuf qonnaan bulaan oomisha bunaa kallattiin akka dhiyeeffatuuf hojjetamaa jira.

Ityoophiyaa keessatti qonnaan bultoonni miiliyoonni 2.2 buna oomishuu irratti bobba’anii argamu jedhameera.
Kanaanis Addunyaa irraa sadarkaa 1ffaa irratti argamti.

Baayy’ina oomishaan addunyaa irraa 6ffaa, Afrikaa irraa 1ffaa irratti argamti.

Ityoophiyaan buna gara alaatti erguun Addunyaa irraa sadarkaa 8ffaa, Afrikaarraa sadarkaa 2ffaa qabattee jirti.

Bara 2010 keessa buna kg miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 39 gara alaatti ergame irraa galiin Doolaarri miiliyoonni dhibbi 8 fi miiliyoonni 40 argamuu ragaan ni mul’isa.

Sadarkaan qulqullina oomisha bunaa gadi aanaa ta’uu isaatiin qonnaan bulaa fi dhiyeessitoonni bu’aa barbaaddamu hin arganne jedhan itti aanaa Hogganaan Biiroo Qonnaa fi Qabeenyaa Uummamaa Oromiyaa fi itti gaafatamaan damee misooma bunaa obbo Mammedsaanii Ibraahim.

Buna bara 2011 akka biyyaatti oomishame toonii kuma tokko keessaa tooniin 495 alatti ergamee jira.

Naannoon Oromiyaa toonii 344 oomishuun sadarkaa 1ffaarratti argamti.

Ityoophiyaan biyyoota addunyaa 50 buna oomishan keessaa ishee tokkoo fi bakka argama bunaati.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.