Waltajjiin marii Sagantaa Ashaaraa Magariisaa gaggeeffamaa jira
Finfinnee, Caamsaa 11, 2015 (FBC)- Waltajjiin marii sagantaa Ashaaraa magariisaa Gannaa baranaa mata duree “Ashaaraa Magariisaa Misoomaa Waaraaf” jedhuun Gola Hamba Saayinsiitti gaggeeffamaa jira.
Maricharratti, Ittaanaa Pireezidaantii Paartii Badhaadhinaa Adam Faaraah, Ministira Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amantee dabalatee qondaaltonni biroon argamaniiru.
Ityoophiyaan jijiirama qabeenya qilleensaa ittisuuf pirojktiiwwan guguddaa bocuun hojjechaa akka jirtuu fi waggoottan 4’n darbanis Sagantaan Ashaaraa Magariisaa eegalame bu’aa argasiisaa jira jedhan.
Sagantaa Ashaaraa Magariisaa hubachuu, qopheessuu, dhaabuu, kunuunsuu fi fayyadamuu bu’uureffachuun guddina waaraa biyyattiif hunduu hojjechuu qaba jedhaniiru.
Sagantichaan, biqiltuu dhaabuurra darbee dhaloota ittaanuuf biyyaa lalistuu fi badhaatu dabarsuu qabna jedhaniiru.
Ministirri Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen gama isaaniin, waggoottan afran darban biqiltuu biiliyoonni 25 dhaabamuu eeruun qoranoo gaggeeffameenis jijjiirama diinagdee hawaasummaa fi naannawaa fiduu kaasaniiru.
Hanga ammaatti Sagantaa Ashaaraa Magariisaan biqiltuu misoomsuun namoota kuma 900 oliif carraa hojii umamuu eeraniiru.
Biyyoonni ollaas muuxannoo Ityoophiyaarraa qooddachaa jiraachuu yaadachiisaniiru.
Lalisee Tasfaayee fi Miniyichil Azzazaatutu gabaase.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.