Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin marii rakkoolee Paarkiiwwan Indaastirii Agiroo-Piroosesiingii hambisuu gaggeefamaa jira

Finfinnee, Waxabajjii 14, 2014 (FBC) – Rakkoolee Paarkiiwwan Indaastirii Agiroo-Piroosesiingii mudatu hambisuuf waltajjiin marii Paarkii Indaastirii Yirgaalamitti gaggeeffameera.

Waltajjiin marichaa damechaan hanqina humna namaa, faayinaansii fi rakkoo bu’uuraalee misoomaa hambisuuf kan kaayyeffate ta’uu Daayrektarri Kominikeshinii fi Misooma Bizinasii Koorporeshinii Misooma Paarkiiwwan Indaastirii Naannoo Sidaamaa Obbo Pheexiroos Maariqoos dubbataniiru.

Waltajjii kanarratti, invastaroota paarkichatti hojjechaa jiran, baankiiwwan, dhaabbilee misoomaa fi tumsitootaa kan hirmaatan yoo ta’u, gufuuwwaan damechaan mudataa jiranirratti qorannoon dhiyaatee mari’atameera.

Fuulduratti, qaamoleen qooda fudhattootaa dinagdee indaastiriin durfamuu ce’uuf deeggarsa taasisuu akka qaban Hoji Gaggeessaan Koorporeeshinii Paarkiiwwan Indaastirii Naannoo Sidaamaa Obbo Mammihiruu Mokee waamicha dhiyeessaniiru.

Mootummaan naannichaas faddaaltota galteewwan paarkiin indaastirichaa barbaadu sirnaan gara paarkichaa hingalle taasisan kan seera qabsiisu ta’uu himaniiru.

Hawaasni naannawaa indaastirii paarkichaas oomisha qulqullina qabu paarkichaaf dhiyeessuun fayyadamummaa isaanii akka mirkaneeffatan hubachiisaniiru.

Nageenya naannawichaa fi hojiilee paarkichaa kan gufachiisan sirreessuufis mootummaan kutannoon kan hojjetu ta’uu hoji gaggeessichi himaniiru.

Xilahuun Yilmaa fi Yetamannee Araggaatu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.