Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin marii Qulqullina Kenniinsa Tajaajila Tuuristii Fooyyessuufi Sadarkeessa Hoteelotaarratti hubannoo uumuu gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Waxabajjii 11, 2016 (FBC) – Waltajjiin Marii Qulqullina Kenniinsa Tajaajila Tuuristii Fooyyessuufi Sadarkeessa Hoteelota Abbaa Urjii Irratti Hubannoo Uumuu gaggeeffamaa jira.

Waltajjicha Komishiniin Turizimii kan qopheesse yoo ta’uu
kenniinsa Tuuristii fooyyessuun biyyaafis ta’e dhaabbilee Tajaajila kennaniif bu’aa olaanaa qabaachuu ibsameera.

Tuurizimiin akka biyyaatti dameewwan xiyyeeffannoon kennameefi hojjetamaa jiran keessaa tokko ta’uun ibsameera.

Keessattuu qabeenya tuurizimii Oromiyaan qabdu beeksisuu,qulqullinaa fi kenniinsa tajaajilaa fooyyessuun barbaachisaa ta’uu qorannoon waltajjichaf dhiyaaterratti himameera.

Komishinarri Komishinii Tuurizimii Oromiyaa Lalisee Dhugaa ,waltajjiichi mul’ata komishiniin Tuurizimii Oromiyaa qabate milkeessuuf gahee olaanaa qabaachu ibsan.

Oromiyaan bakkeewwan hawwata tuurizimii filatamoo Bahaa Afrikaa keessaa tarree 5ffaa akka qabattuuf xiyyeeffannoon hojjechu qabna jedhan.

Kaffaaloo Shifarraatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.