Fana: At a Speed of Life!

Fedhiin Itiyoophiyaan Galaana Diimaarratti qabdu sirrii ta’uu hayyoonni hubachiisuu qabu jedhame

Finfinnee, Muddee 13, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaan ulaa galaanaa akka argattuu fi fedhiin tarsiimawaan Galaana Diimaarratti qabdu sirrii ta’uu hayyoonni hubachiisuu akka qaban akeekame.

Waltajjiin marii qorannoo fedhii tarsiimawaa Itiyoophiyaan galaana diimaarratti qabdurratti xiyyeeffate Yuunivarsiitii Samaraatti gaggeffameera.

Pirezidaantiin Yuunivarsiitii Samaraa Doktar Mahaammad Usmaan haasawa taasisaniin waltajjichi hayyoonni gaaffii karra galaanaa Itiyoophiyaa milkeessuuf damee qorannoo akka adda baasan kan dandeessisudha jedhan.

Fedhii tarsiimawaa Itiyoophiyaan Galaana Diimaarratti qabdu milkeessuuf filmaatawwan seenaa, teessuma lafaa fi seera idil addunyaa marii dhiyaachuun bal’inaan irratti mari’atameera.

Itiyoophiyaan guddina dinagdee fi walitti hidhamiinsa naannawaa dhugoomsuf karra galaanaa qabaachuun barbaachisaa tauu eeraniiru.

Dhaabbileen barnootaa olaanoos qorannoo bal’aa taasisuu akka qaban ibsaniiru.

Pirezidaantii Eeggataan Yuunivarsiitii Finfinnee Doktar Saamu’eel Kifleen gamasaaniin, Galaana Diimatti dhihoo kan taate Itiyoophiyaan karra galaanaa dhabuun ‘nama gaabbisiisa’ jedhan.

Gaanfi Afriikaa carraa misoomaa guddaa kan qabuu ta’uu fi tasgabbiin naannawichaa fooyya’aa waan jiruuf dhaabbileen barnootaa olaanoon haala naannwichaa jijjiiruuf hojjechuun, Itiyoophiyaan ulaa galaanaa akka argattuuf taasisuun murteessaadha jedhan.

Kanaaf ammoo dhaabbileen barnootaa olaanoon dhugaa baasuun Itiyoophiyaa fi Galaana Diimaa gama seenaan, qaroominaa fi teessuma lafaatiin qorannoon deeggaramuun dhugaa hubachiisuu qabu jedhan.

Gama dippiloomaasiinis gaaffiin karra galaanaa adeebii akka argatu hojjechuu qabu jedhaniiru.

Waltajjii marii qorannichaas Yuunivarsitiiwwan Finfinnee, Maqalee, Dirree Dhawaa fi Jigjigaa waliin kan qophaa’e ta’uu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.