Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin marii ogeessotaa Ityoo-Jarman xumurame

Finfinnee, Amajjii 21, 2012 (FBC) – Waltajjiin marii ogeessotaa Ityoo-Jarman Amajjii 19 fi 20, 2012 Finfinneetti gaggeffamaa ture xumurame.

Waltajjichi Ministeera Dhimma Alaatti itti waamamaa dhaabbii dhimmoota damee siyaasaa Ambaasaaddar Maahleet Hayluu Amajjii 19 fi 20, 2012 ifatti banamuun ni yaadatama.

Marii guyyaa lamaaf gaggeeffameen gama Ityoophiyaatin daayreektarri waliigalaa dhimmoota Awrooppaa obbo Mihrataab Mulugeetaan gaggeeffameera.

Gama Jarmaniin ammoo Dhimma Alaa Federaalaa Jarmanitti daayreektarri dhimmoota Sahaaraa Roobart Doolgar gaggeessaniiru.

Waltajjiin marichaa waliigaltee koomiishiniin waloo biyyoota lamaanii baatii Waxabajjii 2011 Barliinitti waliif mallatteessan bu’uura godhachuu fi dhimmoota hariiroo haaraa uuman irratti mari’ataniiru.

Waltajjichi dhimmoota alaa fi nageenyaa, misooma diinagdee, misooma hawaasummaa, daddabarsa namootaa, jijjiirama qabeenya qilleensaa fi iinarjiirratti kan xiyyeeffatedha.

Dhumarrattis qabo yaa’ii marichaa mallatteessuun xumurameera.

Waltajjicharratti Ityoophiyaadhaa ogeessonni waajjiroolee seektara garagaraarraa walitti baba’an 35 kan hirmaatan yoo ta’u, Jarmanirraa ammoo ogeessonni 43 hirmaataniiru.

Hariiroon hawaasummaa Ityoophiyaa fi Jarman bara 1897 egaluunsaa ni yaadatama.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.