Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin marii nageenya waaraarratti xiyyeeffatee gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Onkololeessa 29, 2016 (FBC) – Mata duree “Bu’uuraalee Ijaarsa Biyyaa” jedhuun waltajjiin marii nageenya waaraa mirkaneessuuf xiyyeeffate Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Waltajjicharratti hayyoonni yuunivasiitiiwwanii fi qaamoleen miidiyaa hirmaachaa jiru.

Saganticharratti ijaarsa mootummaa irratti hojiilee hojjetaman, faayidaalee duudhaalee biyyaleessaarratti barreeffamoonni qorannoo dhiyaachuun mari’atamaa jiraachuun ibsameera.

Ministirri Ministeerichaa Obbo Binnaalfi Andu’aalam ijaarsa biyyaa, ciminaa fi hanqinaalee seenessiiwwan waggoottan darban ijaaramanii irrattii mari’achuun murteessa ta’uu kaasaniiru.

Nageenyi mirkanaa’aan akka jiraatuuf dhimmoota waloo ta’anirratti haalaa xiyyeeffannaan hojjechuun danda’amurratti mari’atamaa jira.

Fatiyaa Abdallaatu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.