Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin marii mata duree “Duudhaalee amantaa fi aadaalee keenya nageenyaa fi tokkummaa keenyaaf” jedhuun gaggeeffame

Finfinnee, Eebila 8, 2014 (FBC) – Waltajjiin marii mata duree “Duudhaalee amantaa fi aadaalee keenya nageenyaa fi tokkummaa keenyaaf” jedhuun magaalaa Finfinneetti gaggeeffame.

Marichi faayidaa duudhaaleen amantaa fi aadaalee nageenyaaf qaban irratti xiyyeeffachuu ibsameera.

Ka’umsi nageenya dhabuu fi walitti bu’iinsa beekumsa  dhabuu akka ta’e Itti gaafataamaan dhaabbata tola ooltotaa  Nageenyaa fi Araara Addunyaa Kaardinaal Birhaane Iyyasuus Suuraafeel ibsaniiru.

Hoggantoonni amantaa hordoftoota isaanii barsiisuuf dirqama qabaachuu kaasaniiru.

Rakkoon nageenyaa guutuu addunyaatti qormaata ta’uu Yuunvarsiitii Finfinneetti qorataan beekumsa biyya keessaa Dooktar Salamoon Balay ibsaniiru.

Baatii tokko darbe qofaatti walitti bu’iinsonni guutuu addunyaatti uumamaniin % 6.9 dabaluu fi hangi du’aatii ammo % 5 guddachuu eeraniiru.

Rakkoo nageenyaa Ityoophiyaatti uumame furuuf beekumsa biyya keessaa fi barsiifata amantaaleerratti ciminaan hojjetamuu akka qabu dubbataniiru.

Alamsaggad Asaayyeetu gabaase.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.