Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin marii invastimanti qonnan teeknooloojiin deeggaruu gaggeeffame

Finfinnee, Amajjii 1, 2016 (FBC)- Waltajjiin marii hojiilee invastimanti qonnaa teeknooloojiin deeggaruurratti xiyyeeffate Magalaa Adaamaatti gaggeeffameera.

Maricharratti Hoggaanaa Biiroo Invastimanti fi Indaastirii Oromiyaa Obbo Ahimad Indiris, Hogganaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu, invaastaroota invastimantii qonnarratti hirmaatan, itti gaafatamtoonni waajjiraaleen invastimantii godinaalee fi magaalotaa argamaniiru.

Hogganaan Biiroo Invastimanti fi Indaastirii Oromiyaa Obbo Ahimad Indiris, invastimantii qonnaa naannichaa guddisuuf Biiroo Qonnaa waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.

Qonnaan bultoota hojii invastimanti irraa ugguramanii turaniif carraa dursaa kennuun invastimanti qonnaa keessatti hirmaachisaa jiraachuus eeraniiru.

Invastaroonni lafa fudhatanii teknooloojii hinfayyadamiin akkasumas, lafa invastimantii fudhatanii tajaajila biroof oolchaa jiran sochii invastimantii naannichaa gufachiisaa jiraachuu Obbo Ahimad himuu OBN gabaaseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.