Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin marii hayyootaa marii biyyaalessaa bu’aa qabeessa taasisuuf kaayyeffate gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Eebila 29, 2014 (FBC) – Waltajjiin marii hayyootaa marii biyyaalessaa bu’aa qabeessa taasisuuf kaayyeffate Yuunvarsiitii Asoosaatti gaggeeffamaa jira.

Rakkoo Ityoophiyaa mudateef furmaanni marii ta’uu Minsitir Deetaan Ministeera Nageenyaa obbo Taayyee Danda’aan marichaan ibsaniiru.

Mariin biyyaalessaa rakkoolee biyyattiif furmaata ni kennaan kan eegamu ta’uu fi hayyoonni ga’ee isaan irraa eegamu ba’achaa akka jiran of gaafachuu akka qaban dubbataniiru.

Kaayyoon marichaa rakkoolee dhimma biyyaalessaarratti mul’atan furuuf qooda ba’achuuf ta’uu Preezdaantiin Yuunvarsiitii Asoosaa Dooktar Kamaal Abdurahiim ibsaniiru.

Yuunvaarsiitichi itti gaafatamummaa hawaasummaasaa ba’achuuf lammiilee qa’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’an deggaruurraa eegalee nageenyi akka mirkanaa’uuf ga’eesaa ba’achaa jiraachuu eeraniiru.

Maddi:- TOI

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.