Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin marii haala yeroo irratti xiyyeeffate qaamolee adda addaa hirmaachisee magaalaa Jimmaatti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Hagayya 9, 2013 (FBC)- Waltajjiin marii haala yeroo irratti xiyyeeffate qaamolee adda addaa hirmaachisee magaalaa Jimmaatti gaggeeffamaa jira.

Waltajjiin kun haala nageenya biyyattiin keessa jirtu akkamittiin keessaa bahuun dandaamaa fi gaheen hawaasa hundaa maal ta’uu qabaarratti kan xiyyeeffateedha.

Galma Yuunvarsitii Jimmaatti kan ta ‘aamaa  jiru waltajjiin kun, Uummatni magaalaa Jimmaa naannoosaarraa kaasee akka biyyaatti nageenyasaa eegsifachuuf akka tokkotti biyya tokkof dhaabbachuu akka qabu ka’eera.

Qaamoleen biyya diiguuf socho’aan ammas ta’uu hin milka ‘aan danbaliin ummataa yeroo ammaa muldhataa jiru isaaniif mataa bowwuu ta’uutti jiras jedhameera.

Hirmaattoomni waltajjii kanaas akka jedhanitti gareen shororkeessaa ABUT gochasaatin kan tokko ta’ee garee Shanee waliin Ityophiyaa diiguuf yaaduun isaanii Abjuu hin milkoofnee ta’uu himanii biyya keenyaaf qabsoo hanga lubbuu kan godhan ta’uus kaasaniiru.

Raayyaa ittisa biyyaaf deeggarsa taasifamuu hundaa kan taasisaan ta’uu himaniiru.

Ummanni harka wal qabatee biyyasaa eegaa jiru kun hojii kamirrattu akkasitti muldhachuudhaa qaba kan jedhaniimmoo kantiibaa  bulchiinsa magalaa Jimmaa obboo Tijjaanii Naasir.

Abdurramaan Mahammaadtu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.