Waltajjiin marii haala mijataa Invastimantii Ityoophiyaa addunyaatti beeksisu ifatti eegalame
Finfinnee, Amajjii 25, 2013(FBC) – Duula Riiyiziing Ityoophiyaa jedhuun carraa Invastimantii Ityoophiyaa addunyaatti beeksisuuf waltajjii Intarneetiin gaggeeffamu Komishinarri Komishinii Invastimantii Ityoophiyaa aadde Lalisee Nameen ifatti eegalchiisaniiru.
Marii kanarratti Ambaasaaddaroota, Dippiloomaatoota dabalatee namoonni biyyoota garaagaraatti Ityoophiyaa bakka bu’uun muudaman 100 ol ni hirmaatu jedhame.
Ityoophiyaan qabeenya Albuudaa qabdu haalan beekisuu fi abbootii qabeenyaa teeknooloojii fooyya’aa qaban gara damichaatti akka dhufaniif hojjetamuu akka qabu Ministir Deettaan Damee Albuudaa aadde Simanyi Wubee ibsaniiru.
Dameewwan Qonnaa, Albuudaa, Tuuriizimii, Oomishaa, Komiiniikeeshinii odeeffannoo fi bu’uuraalee misoomaan carraa hedduun jiraachuu Komishinarri Komishinii Invastimantii Ityoophiyaa aadde Lalisee Namee ibsaniiru.
Dameewwan Xiyyeeffannoon laatameef kanneenirratti hirmaachuuf abbootii qabeenyaa biyya alaa fedhii qaban jajjabeessuu fi hojmaata salphisuuf fooyya’iinsi diinagdee fi seeraa hedduun taasiifamuu himaniiru.
Duulli Ityoophiyaa beeksisuu intarneetiin gaggeeffamu kun har’a dabalatee guyyoota 13f kan turu ta’uu ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!