Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin marii galtee Sosochii guddina Indaastiriif gumaachu Magaalaa Dirree Dhawwaatti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Gurraandhala 17, 2014 (FBC) – Waltajjiin marii galtee Sosochii guddina Indaastiriif gumaachu Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawwaatti gaggeeffamaa jira.

Adeemsi guddina Indaastirii Ityoophiyaa yeroo ammaa haala abdachiisaarra kan jiru ta’uu Ministir Deetaan Ministeera Daldalaa fi Indaastirii Obbo Shiisammaa Gabireesillaaseen waltajjichaan kaasaniiru.

Marichi guddina gama misooma Indaastiriin Ityoophiyaan galmeessisaa jirtu saffisiisuuf barbaachiisaa ta’uu Ittaanaa Kantiibaa fi Itti Gaafatamaa Biiroo Daldalaaf Indaastirii Magaalaa Dirree Dhawwaa Obbo Harbii Buhuu ibsaniiru.

Bulchiinsi Dirree Dhawwaa Waltajjii Marii akka kanaa  qopheessuun sosochii indaastirii bulchiinsichaa kan jajjabeessuu ta’uu ibsaniiru.

Hinkoosaa Abdiisaatu gabaase.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.