Fana: At a Speed of Life!

Daddabarsa namaa seeraan alaa hambisuuf hojiin jalqabaa ka’umsa rakkichaaf furmaata kennuudha- Obbo Dammaqaa Mokonnin

Finfinnee, Mudde 15, 2015 (FBC) –  Daddabarsa namaa seeraan alaa hambisuuf hojiin jalqabaa ka’umsa rakkichaaf furmaata kennuudha jedhan Ittaanaan Muummee Ministiraafi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin.

Hirmaannaa hawaasaa cimaa ta’een daddabarsa namaaa seeraan alaa haa ittisnu mata duree jedhuun waltajjiin marii gaggeeffameera.

Obbo Dammaqaan haasawaa waltajjicharratti taasisaniin, rakkoolee Ityoophiyaa mudatan keessaa daddabarsi namoota seeraan alaa isa tokko ta’uu kaasaniiru.

Waltajjichi magaalaa Hosaayinaatti kan  gaggeeffameef, akka qoranoowwan mirkaneessanitti naannawichi bakkeewwan biyyattii daddabarsi namoota seeraan alaa itti heddummatu keessaa tokko waan ta’eef ta’uu dubbataniiru.

Yeroo itti aanutti rakkichi baay’inaan kan mul’atu kutaalee Kaaba Baha biyyattiitti waltajjiin sochii uummataa cimee kan itti fufu ta’uu ibsuusaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Waggaa tokko keessatti lammiileen kumni dhibbi 1 ol gara biyyaa deebi’uufi lammiileen kumni 5 ol mana hidhaa Taanzaaniyaa keessa jiraachuu ibsaniiru.

Hammeenya daddabarsa nama seeraan alaa eeruun, rakkichaaf furmaanni  madda isaa gogsuudha jedhan.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.