Waltajjiin marii Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay xumurame
Finfinnee, Caamsaa 3, 2015 (FBC)- Bulchiinsi Yeroo Naannoo Tigraay karooraa fi kallattii naannicha deebisanii ijaaruu raggaasise bu’uureffachuun waltajjiin marii gaggeessaa ture xumureera.
Waltajjichi tarsiimoo fi kallattiiwwan karoora caaseffama mootummaa naannicha sadarkaa naannoorraa hanga caasaa mootummaa gara gadiitti hojiirra oolchuuf hubannoo waloo uumuuf kan kaayyeffate ta’uun erameera.
Waltajjicharratti Pireezidaantiin Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay Obbo Geetaachoo Raddaa dabalatee miseensonni kaabinee bulchiinsa yeroo, qondaaltonni hojii bulchiinsa godinaalee fi magaalotaa naannichaa biroon hirmaataniiru.
Waltajjicharratti Obboo Geetaachoo Raddaan, hojiilee deebisanii ijaaruu Naannoo Tigraayiif bulchiinsi yeroo naannichaa hojjechaa jiraachuu ibsan.
Bu’uuruma kanaan hoggansi caasaa naannichaa sadarkaa oliirraa hanga gara gadii jiru karooraa fi tarsiimoo qabamanirratti hubannoo gaha qabaachuun, qindoominaan hojjechuun akka irraa eegamu dubbataniiru.
Dabalataanis, dhimmi dirree siyaasaa naannichaa bal’isuu walabummaa ummataa naannichaa mirkaneessuun cinaatti dhiibbaan uumuu akka hinjirre ibsaniiru.
Haaluma kanaan hanqinaalee diimokiraasii jiran guutuu fi bal’isuun bulchiinsa haqa qabeessaa mirkaneessuu barbaachisaadha jedhan.
Hoggansa ummanni hinbarbaanne itti fufsiisuun akka hindanda’amne eeraniii, rakkoo bulchiisaa jiru sadarkaa amansiisaan akka furamuu fi hanqina faayinaansii salphisuun akka danda’amu ibsuu ragaan Waajjira Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay irraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.