Fana: At a Speed of Life!

Landanitti agarsiisa bunaa qopheessuuf mariin gaggeeffame

Finfinnee, Caamsaa 3, 2014 (FBC) – Landanitti agarsiisa bunaa qopheessuuf mariin  gaggeeffamuu ibsameera.

Marichaan haala buna Ityoophiyaa akaa’uunii fi tumuun gabaa Ingiliziif dhiyeessuun danda’amurratti qaamolee damicharratti bobba’an waliin mari’atamuu eerameera.

Hangi buna dheedhii Ityoophiyaa kallattiin gabaa Ingiliziif dhiyaatu gadi aanaa ta’uu ittaanaan hogganaa Miisiyoonii imbaasichaa obbo Bayyanaa Gabramasqal ibsaniiru.

Buna haala qulqullina isaa eeggateen akkaa’uunii fi tumuun gaabaa biyyattiif baayyinaan dhiyeessuun kan danda’amu ta’uu ibsuun, gara hojiitti hiikuuf tattaaffii qindaa’aa taasisuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.

Buna Ityoophiyaa akaa’uun, tumuunii fi saamsuun gabaa biyyattiif dhiyeessuuf carraa bal’aan jiraachuu ibsameera.

Agarsiisni bunaa Landanitti qophaa’uuf jedhu kunis rakkoo kaappitaalaa fi teeknooloojii damicha mudachaa jiru furuuf, abbootii qabeenyaa biyyattii damicharratti bobba’an waliin hariiroo uumuu fi haala  bunni  akaa’amee  fi tumamee gabaa Ingiliziif dhiyaachuu danda’u mijeessuurratti kaayyeffachuu eerameera.

Maricharratti waldaaleen Al-ergii buna Ityoophiyaa, qindeessitoonni buna akaa’amee, hoggantoonni Abbaa Taayitaa Bunaa fi Shaayee Ityoophiyaa, Korporeeshinii Misooma Lafaa fi hoggantoonni Baankii Daldala Ityoophiyaa hirmaachuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.