Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin Mana Maree Nageenyaa fi Tasgabbii Gamtaa Afrikaa obbo Dammaqaan durfamu gaggeeffame

Finfinnee, Muddee 5, 2014 (FBC)- Waltajjiin Mana Maree Nageenyaa fi Tasgabbii Gamtaa Afrikaa Itti aanaa Muummee Ministiraa fi Ministira Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Mokkonniin  durfamu Intarneetiin gaggeeffameera.

Waltajjichi mata duree ‘Tumsa nageenya, tasgabbii fi misooma Afrikaatti’ jedhuun gaggeeffameera.

Waltajjicharrattis komishinaroonni nageenyaa fi tasgabbii, gamtaa siyaasaa akkasumas baankiin Misooma Gamtaa Afrikaa fi bakka buutoonni Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii argamaniiru.

Waltajjicharratti haasaa saaqinsaa kan taasisan obbo Dammaqaan, nageenyii, tasgabbii fi misoomni ajandaa duraa biyyoota ta’uu ibsaniiru.

Shororkeessummaan, fonqolchi mootummaa, walitti bu’iinsi walii waliinii nageenyaa soda ta’uu ibsuun, proojektiiwwan misoomaa fi sagantaawwan biyyatti hojiirra akka hin oollee fi bu’aawwan argaman gada boodatti harkisaa jiraachuu ibsaniiru.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.