Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin hubannoo uumuu dhimma marii Biyyoolessaarratti taa’amaa jira

Finfinnee, Gurraandhala 12, 2014 (FBC)- Waltajjiin hubannoo uumuu dhimma Marii Biyyoolessaarratti Yuunvarsiitii Dirree Dawaatti taa’amaa jira.

Ityoophiyaan yeroo itti aanuutti mariin biyyoolessaa taasiftuu hawaasaaf hubannoo uumuuf yaadamee sagantichi qophaa’uu ibsameera.

Saganticharrattis kan argamaan Kantiibaan magaalaa Dirree Dawaa obbo Kadir Jawaar, waltajjiin marii biyyaaleessaa kun fedhiin lammiilee sirnaan kan itti callaqisiifamuu ni ta’a jedhaniiru.

Waltajjicharratti Ministir deetaan Ministeera Nageenyaa  obbo Taayyee Danda’aa gama isaaniin, Ityoophiyaa waaraan ceesisuuf dhimmoota walii hin galleerratti mariin waliigaluun barbaachisaadha jedhaniiru.

Iyyoonaadaab Andu’aaleemtu gabaase

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.