Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin hariiroo ummata Ityoo-Sudaan cimsu eegale

Finfinnee, Fulbaana 10, 2015 (FBC) – Waltajjiin marii hariiroo ummata Ityoophiyaa fi Sudaan cimsu eegalameera.

Dhaloonni dhufu tokkummaa Afrikaa akka cimsuu fi qopheessummaa Ityoophiyaan sagantaan obbolummaa eembaasiiwwan garaagaraattii gaggeeffamu Embaasii Sudaan Finfinnee jirutti gaggeeffamuu eegaleera.

Sagantaa har’a eegale irratti Ministeera Dhimma Alaatti Daayrektara Jeneraalaa Dhimmootaa Afriikaa fi Miseensa Koree Olaanaa sagantichaa Ambaasaaddar Fisaahaa Shaawul haasawaa taasisaniin, sagantichi hariiroo dinagdee fi hawaasummaa biyyoota Afrikaa gidduu cimsuuf kan kaayyeffateedha jedhan.

Waltajjiin marichaas hariiroo Ityoophiyaa fi Sudaan waggoota dheeraa lakkoofsise rakkoolee yeroo garaagaraatti mudataniin utuu hindaangeffamne duudhaa waloo dagaagsuun itti fufiinsaan cimsuuf gahee akka qabu ibsaniiru.

Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Sudaa Jamaal Ashar Ahimad gama isaaniin hariiroo biyyootaa ture caalmaan michummaa fi hariiroo ummataa cimsuuf xiyyeeffannaan hojjetamuu akka qabu hubachiisaniiru.

Saganticharratti miseensota hawaasa Sudaan, namoota bebbeekamoo, dippilomaatota, ambaasaaddarootaa duraanii fi keessummoonni biroon argamuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.