Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin Hariiroo Waloo, Biyyaalessaa Qaamolee Seera Baaftuu  Magaalaa Bishooftuutti eegale

Finfinnee, Amajjii  21, 2014 (FBC)- Waltajjiin Hariiroo Waloo, Biyyaalessaa Qaamolee Seera Baaftuu guyyoota lamaaf turu Magaalaa Bishooftuutti eegaleera.

Waltajjichi hundeeffamaa seeraa raawwachiiftootaa fi hojii maricharratti mariin kan taasifamuu yoo ta’uu, adeemsa seeraa baasuu fi wixineen seeraa qophaa’ee dhiyaatee mariin irratti gaggeeffamaan eegama.

Waltajjiichi magaalaa Bishooftuutti gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’uu, dhimmoota waqtaawaarratti marii ni gaggeeffamaa jedhameera.

Jalqaba waltajjiichaa irratti argamuun haasaa kan taasisan Af-Yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa Obbo Taaggasee Caafoo Mariin kun Hawaasa-Dinagdee walfakkaatu uumuuf gahee olaanaa qaba jedhan.

Labsiin kanaan dura ture ifa kan hin taaneefii Walitti dhufeenya Paartii Biyya bulchuu qofa irratti kan xiyeeffatuufii,Walitti dhufeenya Federaalaafii Naannolee gidduu jiru kan adda hin baasnedha jedhan.

Muuxannoo Biyyoota addunyaa fudhachuun Manni Maree Sadarkaa Federaalaas ta’ee Sadarkaa Naannoo gahee isaanii akka bahaniif waltajjii gargaarudha jedhan.

Walgahicha irratti Af-Yaa’iin Mana Maree Federeeshinii Obbo Aagenyawu Tashaagar, Ministeerri Itti Waamamaa Mootummaa Obbo Tasfaayee Beeljigee,Af-yaa’onniifii Itti Aantonni Af-yaa’ota Naannoleefi Walitti qabdoonni Koree dhaabbii argamuu isaanii

Miniyichil Azaazuutu gabaase

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.