Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin Gamaaggamaa paartii fi Mootummaa Naannoo Oromiyaa Xumurame

Finfinnee, Eebla 18, 2015 (FBC)- Waltajjiin Gamaaggamaa kurmaana 3ffaa paartii fi mootummaa Naannoo Oromiyaa Adaamaatti gaggeeffamaa ture xumurame.

Waltajjichi guyyootaa sadiif gaggeeffamaa kan ture yoo ta’u, Pireezidaantii Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallisa Abdiisaa dabalatee qondaaltonni olaanoo naannichaa argamaniiru.

Xumura waltajjii kanaa irratti argamuun kallattii gara fuula duraa kan kaa’an Pireezidaantii Bulchiinsa Mootummmaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa akka jedhanitti, humna walootiin fedhii uummataa guuttachuuf hojiin hojjetame fooyya’iinsa guddaa kan qabu ta’uu himaniiru.

Hooggansa hunda galeessa ta’een waa hoogganuun jijjiirama fiduuf hojiin hojjetamaa jiruufi bu’aan argamees cimina bara kana keessatti mul’ate ta’uu ibsaniiru.

Gama biraan ammoo sirni deeggarsaafi hordoffii fooyya’aa dhufuun karooraan hoogganamuun hojii karoorfame raawwachuuf tattaaffiin jiru fooyya’iinsa kan qabu ta’uu Pireezidaanti Shimallis himaniiru.

Haa ta’u malee, hooggansi sadarkaan jiru hojii muraasatti quufuufi qaawwoota diinagdee cufuuf kutannoo hooggansaa hanqina kan qabu ta’uu Perezdaanti Shimallis himaniiru.

Dabalataanis intarpinarshiippii heddumminaan horachuu dadhabuun, daldala seeraan alaafi kontirobaandii to’achuuf hojiin hojjetamaa jiru dadhabaa ta’uu, aadaan qusannoo keenya laafaa ta’uu, gabaasni sobaa kaansarii hojii keenyaa ta’e jiraachuufi hoggansi sadarkaan jiru sadarkaa yeroon barbaaduun of gahoomsaa deemuu dadhabuun hanqinoota ijoo ji’oottan saglan darban keessatti mul’atan ta’uu Pireezidaanti Shimallis kaasaniiru.

Dagmaawii Deeksisaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.