Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin gamaaggama raawwii hojii Paartii fi Mootummaa Naannoo Oromiyaa kurmaanni 3ffaan gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Bitootessa 30, 2014 (FBC)- Waltajjiin gamaaggama raawwii Hojii Paartii fi Mootummaa Naannoo Oromiyaa kurmaanni 3ffaan Magaalaa Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti gaggeeffamaa jira.

Kayyoon ijoo gamaaggama hojii kanaa gaaffiwwan uummanni tibbana kaase akka furamuuf gaafataa ture, akkamiin akka deebi’uu qaburratti mari’achuun karoorfannee hojjetaa jirra jedhan Preezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdisaan.

Waltajjii kanaan bara hojii kana keessa harcatiiwwanii fi rakkooleen gama hundaan turaniif furmaanni kennamee hojii bara 2015fis kallattiin karooraa kan kaa’amuu ta’uu dubbataniiru.

Gamaaggama hojii kanaan rakkoolee gama siyaasaa fi hoggansa keessatti nu mudataniifis furmaata ni kenninaa kan jedhan Itti Gaafatamaan Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaa gama isaaniin, ciminaa fi hanqina ture adda baasuun rakkoof furmaata kenninaa jedhaniiru.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.