Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin gamaaggama raawwii hojii Paartii fi Mootummaa Naannoo Oromiyaa gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Onkololeessa 16, 2016 (FBC)- Waltajjiin gamaaggama raawwii hojii paartii fi mootummaa Naannoo Oromiyaa bakkaa Pireezidaantiin Naannichaa Obbo Shimallis Abdiisaan argamanitti gaggeeffamaa jira.

Waltajjicharratti pireezidaanti Shimallis Abdiisaa akka jedhanitti, Waltajjiichi hojiilee boqonnaa qophii Karooraa bara 2016’tiif taasifamaa turee fi raawwii hojii waliigalaa kurmaana tokkoffaa bal’inaan kan itti qoratamuudha.

Dabalataan, “Karoora Xiiqii” baranaa qabame milkeessuuf hojiilee akka Mootummaa fi paartiitti kurmaana tokkoffaa keessaatti baay’inaa, qulqullinaa fi ariitiin hojjechuuf waliigalame, sadarkaa irraa jiru bal’inaan kan qoratamu ta’uu dubbataniiru.

Waltajjiin gamaaggama raawwichaarratti Pireezidaanti Shimallis Abdiisaa, Itti gaafatamaa Waajjiraa Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaa, Pireezidaantii Itti Aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii dabalatee qondaaltonni olaanoon Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa fi Mootummaa Naannoo Oromiyaa argamaniiru.

Muluu Waaqshuumeetu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.