Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin Gamaaggama raawwii hojii mootummaa fi paartii Magaalaa Finfinnee eegalame

Finfinnee, Hagayya 3, 2016 (FBC)- Waltajjiin gamaggama raawwii hojii mootummaa fi paartii bara baajata 2016 akkasumas marii karoora bara baajata 2017 Magaalaa Finfinnee gaggeeffamuu eegaluu Kantiibaan Bulchiinsa Magaalattii Aadde Adaanech Abeebeen ibsan.

Aadde Adaanech gama miidiyaa hawaasummaa isanaiin akka beeksisanitti bu’uura uummataf waadaa galaniin, dhiibbaa jireenyaa jiraattotaa salphisuu fi magaalattii jireenyaaf mijattuu taasisuuf karoora waliigalaa bara baajata 2016 qabame keessaa giddugaleessaan % 91 ol kan ta’u fi aadaa hojii haaraa hojiirra oolchuun kan milkeessan ta’uu eeran.

Waltajjiin gamaaggamichaas milkaa’inoota bara baajata 2016 cimsuu fi babal’isuun, madda cimina adda baasuun akkasumas hanqinaalee mul’atan guutuu fi sirreessuun, bu’uura uummataf waadaa galameen magaalaa jireenyaaf mijattuu fi miidhagduu ijaaruuf hojiilee eegalaman cimsuun kan itti fufsiisan ta’uu kaasniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.