Waltajjiin Gamaaggama raawwii hojii bara 2015 fi qophii karoora bara 2016 mootummaa fi paartii gaggeeffamaa jira
Finfinnee, Adoolessa 5, 2015 (FBC) – Waltajjiin gamaaggama raawwii hojii bara 2015 fi qophii karoora bara 2016 mootummaa fi paartii naannoo Oromiyaa Adaamatti gaggeeffamaa jira.
Hooggansi mootummaa fi paartii sadarkaa naannootii hanga aanaaletti jiran gamaaggamicharratti hirmaachaa jiraachuu Itti gaafatamaan paartii badhaadhinaa damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaa ibsaniiru.
Hojii paartichaan hojjetame dinqisifataniiru.
Fedhii uummata giddugaleeffachuun, karoora paartichaa galmaan ga’uuf kutannoo kan gaafatu ta’uu himaniiru.
Paartiin Badhaadhinaa Tasgabbii fi nageenya naannoo, biyyaa fi gaanfa Afrikaaf kan hojjetu ta’uu kaasaniiru.
Hoggansi Ololaan osoo hin raafamin cimanii guddina naannichaaf akka hojjetan dhaamaniiru.
Cimina jiran galtee taasiisuun hanqina jiran irratti xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu Miseensi Koree Hojii Raawwachiistuu fi Pirezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisan himaniiru.
Karoorri bara 2016 karoora xiiqii ta’uu ibsaniiru.
Karoorri karoorfameef hanga poteenshaala giddugaleeffachuu, qaamni karoora qopheeffachuu qabu qopheeffachuu, hooggansi akkamitti hojii hoogganuu akka qabuu fi hojii hojjetus madaaluu akka qabu himaniiru.
Waltajjichis guyyoota sadiif kan turu ta’uu himameera.
Dinqaa Baacaa fi Muluu Waaqshumeetu gabaase.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.