Fana: At a Speed of Life!

Rakkoo uummataa bu’uuraan furuuf xiiqii olaanaan hojjachuu qabna – Obbo Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Amajjii 21, 2016 (FBC) – Waltajjiin gamaaggama raawwii hojii Paartii fi Mootummaa naannoo Oromiyaa baatiiwwan jahan darbanii Magaalaa Adaamaatti gaggeeffamaa ture xumurameera.

Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan, badhaadhina maatii mirkaneessuuf karoora hojiilee misoomaa guutummaan hojiitti hiikuun murteessaa ta’uu ibsuun, rakkooleee uummataa bu’uuraan furuudhaan galmoota misoomaa qabanne dhugoomsuuf xiiqii olaanaan hojjachuu qabna jedhaniiru.

Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaa gama isaaniin,baatiiwwan jahan darban keessa karoora gama hundaan qabame dhugoomsuudhaaf sochiin jajjabeessaan taasifamuu eeraniiru.

kan raawwanne caalaa kan nu hafu hedduu waan ta’eef hooggansi sadarkaan jiru kana hubatee ergama isaa qixaan bahachuu qaba jechuun dhaamaniiru.

Gamaaggama raawwii hojii Paartii fi Mootummaa kanaan ciminaa fi hanqinaalee raawwii hojii keessatti mul’atan adda baasuun mariin kan irratti gaggeeffame yoo ta’u, kallattiin hojiiwwan itti aanuu kaa’amuun xumuramuu ragaan Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.