Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin  filannoo invastimantii gama hortiikaalchariin jiru beeksisuuf kaayyeffate gaggeefamaa jira

Finfinnee, Eebila 20, 2014 (FBC) – Waltajjiin  filannoo invastimantii gama hortiikaalchariin Ityoophiyaan qabdu beeksisuuf kaayyeffate gaggeefamaa jira.

Waggoottan 10 darbanitti oomishaalee abaaboo fi kuduraalee gabaa alaaf dhiyaatan irraa waggaa waggaan galiin Doolaara kuma dhibba 5 ol walitti qabamaa turuu ibsameera.

Yeroo ammaa abbootiin qabeenyaa 150 ol damicharratti hirmaachuu fi damicharratti kanaa ol hojjechuun barbaachisaa ta’uu eerameera.

Qabeenya uumamaa fi humna namaa biyyattii haalaan fayyadamuun faayidaa damicharraa argamu guddisuun barbaachisaa ta’uu waltajjichaan ka’eera.

Waltajjicharratti hoggantoonni biiroolee invastimantii naannolee garaagaraa, abbootiin qabeenyaa damicharratti bobba’anii fi dippiloomaatonni biyyoota garaagaraa hirmaataniiru.

Tigist Birhaanuutu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.