Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin deebisanii dandamachiisuu fi ijaaruu gaggeeffamuu eegale

Finfinnee, Waxabajjii 5, 2015 (FBC)-Ityoophiyaatti waltajjiin deebisanii dandamachiisuu fi ijaaruu gaggeeffamaa jira.

Waltajjichi waggaa lamatti manca’insa walitti bu’iinsa kutaa Kaabaa biyyattitti mudateen deebisanii ijaaruu irratti kan xiyyeeffate ta’uun ibsameera.

Waltajicharratti, Ministiroonni, Pireezidaantonni naannolee, Ambaasaaddaroonni biyyootaa fi bakka bu’oonni dhaabbilee Idil Addunyaa argamaniiru.

Marii paanaalii gaggeeffamaa jiruun waliigaltee nageenyaa booda tajaajiloota fayyaa, teelekomii fi kanneen biroo hojii eegalchiisuun akka danda’ame eerameera.

Ministirri Fayyaa Dooktar Liyaan Taaddasaan naannolee Amaaraa, Tigraayii fi Afaaritti damee fayyaarraa miidhaa qaqqabuu ibsanii, waliigaltecha booda tajaajiloota jalqabsiisuuf mootummaan xiyyeeffannaan hojjechuu kaasaniiru.

Haaluma kanaan dhaabbilee manca’an irra deebiin hojii eegalchiisuuf hospitaalonni miidhaan irra ga’ee dhaabbilee Finfinnee jiran waliin hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.

Naannawaa daangaa naannoolee Oromiyaa fi Beenishaangul Gumuzittis rakkoleen nageenyaa tajaajila fayyaaf gufuu ta’uun eerameera.

Ministirri Dhimmaa Dubartootaa fi Hawasummaa Dooktar Ergogee Tasfaaye gama isaaniin walitti bu’iinsaan miidhaamtoonni duraa dubartootaa fi daa’immaan ta’uu eeruun, walitti bu’iinsi akka hinmudannee fi miidhaalee mudatan hir’isuuf dubartoonni ittigaafatama isaanii bahachuu qabu jedhaniiru.

Waraanichaan maatiiwwan addaan ba’an walitti fiduu, deeggarsa xiinsamuu fi hawaasummaa taasisuun hojiilee deebisanii dandamachiisuun xiyyeeffannaan kan kennamu ta’uu ibsaniiru.

Koomiishinarri Koomishinii Haaromsa Biyyaalessaa Ambaasaaddar Tashoomaa Togaan, rakkoolee kutaa Kaabaa biyyatti dabalatee, naannolee Oromiyaa, Gaambeellaa, Beenishangul Gumuzii fi naannawaalee birootti hidhattoota socho’an gara jireenya idileetti deebisuu fi deebisanii dhaabuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Ta’us, adeemsichi maallaqa olaanaa fi deeggarsa dhabbilee tumsitootaa akka barbaachisu dubbataniiru.

Dandeetti dhaabbaticha guddisuufis hojjechuu gaafata jedhan.

Afawarqi Iyyaayyuutu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.