Fana: At a Speed of Life!

Waltajjii gamaaggama raawwii hojii bara 2015 fi boqonnaa qophii bara 2016 gaggeeffamaa ture xumurame

Finfinnee, Adoolessa 7, 2015 (FBC)- Waltajjiin gamaaggama raawwii hojii bara 2015 fi boqonnaa qophii bara 2016 Naannoo Oromiyaa guyyoota sadan darban gaggeeffamaa ture xumurameera.

Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan waltajjichi xumuramuu ilaalchisuun gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka jedhanitti, hoggansi jijjiiramaa kutannoo fi aantummaa Ummataa olaanaan hojjechuun qorumsa alaa fi keessan muudachaa turan injifannoon darbameera.

Hojiileen akka waliigalaatti bara 2015 qabamanis milka’aa akka ture gamaggamichaan ilaalamuu kaasaniiru.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa gamaaggamaa raawwii hojii idileetti dabalataan, waggootan lamaan darban caasaa sadarkaan jiru amala hojii fi gurmaa’insa isaan madaalaa fi waldorgomsiisaa dhufuun milka’ina hojii bara kanaaf gumaacha olaanaa taasise himaniiru.

Xumura Waltajjii gamaaggama raawwii hojii bara 2015 Paartii fi Mootummaa gaggeeffamaa tureen booda Gandoota, Aanota, Godinoota, Magaalotaa fi Seektaroota Naannoo bara hojii dabare keessa gama misoomaa, nageenyaa fi bulchiinsa gaariin raawwii fooyyee galmeessisaniif badhaasaa fi beekkamtin kennamuu ibsaniiru.

Badhaasni fi beekamtiin kennames miiraa dorgommii fi kaka’uumsa hojii fayyadamuummaa ummataa bu’ureffate waan umuuf, hundu milka’ina “Karooraa Xiiqii”, karoora bara 2016’f kaka’umsa fi xiiqii olaanaan akka hojjetu haamilee akka ta’u abdii qaban Obbo Shimallis ibsaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.