Fana: At a Speed of Life!

Waltajjichi hojii Ityoophiyaan qabeenya uumamaasheetti haalaan fayyadamuuf hojjechaa jirtu dinqisiifate

Finfinnee, Fulbaana 10, 2015(FBC)- Pireezidaantiin Waltajjii Federeeshinii Idil Addunyaa Ruuppaak Chaatoopaadiyaay  hojii Ityoophiyaan qabeenya uumamaasheetti haalaan fayyadamuuf hojjechaa jirtu dinqisiifatan.

Pireezidaantichi Ittaantuu Afyaa’ii Mana Maree Federeeshinii Hahaaraa Umad, Ministir Deetaa Ministeera Dhimma Alaa fi Miseensa Boordii Waltajjii federeeshinichaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoo akkasumas hoggantoota biroo waliin ta’uun Paarkii Inxooxxoo daawwataniiru.

Pireezidaantiin Waltajjii Federeeshinii Idil Addunyaa Ruuppaak Chaatoopaadiyaay  hojii Ityoophiyaan qabeenya uumamaashee haalaan itti fayyadamuuf hojjechaa jirtu dinqisiifachuu eerameera.

Teessoo isaa Kaanaadaa Otoowaa kan taasisate Waltajjiin Federseeshinii kun sadarkaa idil addunyaatti hojiimaata bulchiinsa federaalaarratti dhaabbata hubannoo uumu ta’uu eerameera.

Waltajjichi Ityoophiyaa dabalatee biyyoota Hindii, Jarman, Biraaziil, Naayijeeriyaafi biyyoota biroo miseensummaan kan hammate ta’uu ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.