Waltajiin marii mata duree ‘’Ijaarsa Hidha Haaromsa Ityoophiyaa fi Hirmaannaa Hayyoota’’ jedhuun Yuunivarsiitii Dabra Marqoositti gaggeeffama jira
Finfinnee, Gurraandhala 20, 2013 (FBC) – Waltajiin marii mata duree ‘’Ijaarsa Hidha Haaromsaa Ityoophiyaa fi Hirmaannaa Hayyoota’’ jedhuun Yuunivarsiitii Dabra Marqoositti gaggeeffama jira.
Waajjirri Qindeessaa Hirmaannaa Ummataa Mana Maree Hidha Haaromsaa Guddicha Ityoophiyaa fi Ministeera Dhaabbilee Barnoota Olaanaa waliin tahuun hirmaannaa hayyootaa hidhaa harroomsa irratti qaban cimsuuf marii eegalaniiru.
Waltajiin marii kunis mata duree ‘’Ijaarsa Hidha Haaromsa Ityoophiyaa fi Hirmaannaa Hayyoota’’ ja’un Yuunivarsitii Dabra Marqoositti qophaa’eera.
Waltajjii kannarrattis Preezdaantoonni Yuunivarsitii 45 fi hayyoonni hidha haaromsa Ityoophiyaa irratti qoranno gargaraa gaggeessan mariif dhiheessun irratti ni mar’atu.
Mariin boodas guyyaa boruu Gurraandhala 22, 2013tti iddoo madda ka’umsa bishaan laga Abbayyaa ni daawwatu jedhameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.