Fana: At a Speed of Life!

Walta’iinsi dippilomaasii Kooriyaa Kibbaa fi Ityoophiyaa cimee itti fufa-Obbo Dammaqaa

Finfinnee, Hagayya 2, 2015 (FBC)- Walta’iinsi dippilomaasii Kooriyaa Kibbaa fi Ityoophiyaa cimee kan itti fufu ta’uu Ittaanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin ibsan.

Obbo Dammaqaan Ministira Dhimma Alaa Kooriyaa Kibbaa Paarki Jiin waliin dhimmoota gamlameeniirratti mari’ataniiru.

Obbo Dammaqaan marichaan akka ibsanitti, Ityoophiyaa fi Kooriyaan Kibbaa hariiroo erga eegalanii waggaa 60ffaatti argamu.

Kooriyaan Kibbaa, michuu misoomaa addaa durtee taasifachuun Ityoophiyaa filachuun ishee akka galateeffachiisuun ibsuun, walta’iinsi dippilomaasii biyyoota lameenii waggoota dheeraa lakkoofsise daran cimee akka itti fufu eeraniiru.

Marii har’aanis dhimmoota biyyaalessaa, naannawaa fi idil addunyaa akkasumas fayyadamummaa waloorratti mari’ataniiru.

Paarki Jiin gama isaaniin biyyoonii lameen hariiroo bara dheeraa lakkoofsise kan qaban ta’uu dubbachuun, Ityoophiyaan bakka filmaata misoomaa fi invastimantii ta’uu ishee eeraniiru.

Kooriyaan Kibbaa, Ityoophiyaa dabalatee walta’iinsa biyyoota Afrikaa biroo waliin qabdu cimsuuf hojjechaa jiraachuu dubbachuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.