Fana: At a Speed of Life!

Wallaggaa Lixaatti dhaabbiin Ashaaraa Magarsiisaa eegalame

Finfinnee, Caamsaa 29, 2016 (FBC)- Jilli hogganaa Biiroo qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuun durfamu Godina Wallaggaa Lixaa Aanaa Boojjii Dirmajitti Dhaabbii Ashaaraa Magarsiisaa eegalchisan.

Barana Godina Wallaggaa Lixaatti sagantaa Ashaaraa Magariisaan biqiltuuwwan nyaataaf oolaanii fi kanneen biroof oolan miiliyoona 300, qophaa’uu Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godina Wallagga Lixaa Obbo Fayyisaa Hambisaa himaniiru.

Dhaabbii biqiltuu kanaafis lafti heektara kuma 44 qopha’eera jedhan.

Dhaabbii biqiltuu bara kanaaf lafa heektara miiliyoona 3.2 irratti daagaan kuma 6 fi 465 qophaa’uu Ittaanaan Hogganaa Biiroo Qonna Oromiyaa Obbo Eliyaas Kadiir himaniiru.

Bara kana Sadarkaa Naannoo Oromiyaatti biqiltuuwwan gosa garaagaraa biiliyoona 5.5 dhaabbiif qopha’uu ibsaniiru.

Biqiltuuwwan sagantaa Ashaaraa Magariisaan bara darbee dhaabaman %88 laatuu kaasaniiru.

Dabalataan jilichi Magaalaa Najjootti sosochii Yuuniyenii Hojii Gamta Qonnaan Bultoota Dillaa Alaaltuu daawwataniiru.

Gammachuu Beekumaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.