Walitti qabduun Boordii Filannoo hojii gadi lakkisuuf iyyata galfatan
Finfinnee, Waxabajjii 19, 2015 (FBC) – Walitti qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessa Ityoophiyaa Burtukaan Miidhaksaan fedhii isaaniin hojii gadi lakkisuuf iyyata galfataniiru.
Sababa fayyaa isaaniin boqonnaan yeroo dheeraa waan isaan barbaachisuuf iyyata kana galfachuu isaanii ibsameera.
Haaluma kanaan Haggayya 1, 2015 irraa eegalee hojii gadi lakkisuuf iyyachuu fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin beeksisaniru.
Waxabajjii 5, 2015 Waajjira Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti xaalayaa galfachuu isaanii ibsaniiru.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.