Walitti hidhamiinsa invastimantii Itiyoo-Xaaliyaan cimsuuf mariin gaggeeffame
Finfinnee, Bitootessa 3, 2016 (FBC)- Walitti hidhamiinsa invastimantii Itiyoo-Xaaliyaan cimsuuf mariin gaggeeffameera.
Ministiri Deetaan Ministeera Indaastrii Obbo Taarraqanyi Bulultaan, Daayrektar Olaanaa Walta;Iinsaa Misoomaa Xaaliyaan Istiifaanoo Gaatii fi jila isaanii waliin dhimmoota walitti hidhamiinsa invastimantii biyyoota lameeniirrattii mari’ataniiru.
Babal’ina indaastirii fi ce’umsaa gurmaa’insaa diinagdeerratti, diinagdeen ajandaan olaanaa mootummaa ta’uu Obbo Taarraqanyi maricharratti ibsanii, Ministeerri Indaastiriis galma qabame kana milkeessuuf imaammata barbaachisaa baasuun hojiirra oolachaa jiraachuu dubbataniiru.
Guddina diinagdee Itiyoophiyaarratti gaheen abbootiin qabeenyaa xaaliyaanii olaanaa ta’uu eeruun, biyyoonni lameen misoomaa fi dhimmoota nageenyaarratti hariiroo cimaa akka qaban kaasaniiru.
Walta’iinsichis damee indaastirii omishaan cimee akka itti fufu waamicha dhiyeessu ragan Ministeera Indaastiriirraa argame ni mul’isa.
Itiifaanoo Gaantii gama isaaniin, hariiroo jiru cimsanii itti fufsiisuuf filmaatawwan invastimantii fi pirojektootaa jiran irratti gumaacha taasisaa jiran cimsanii kan itti fufan ta’u akeekaniiru.
Abbootiin qabeenyaa Xaaliyaaniis damee indaastirii Bunaa Itiyoophiyaarratti bobba’uu eeranii, fuuldurattis damee faashinii, huccuwwanii fi filmaatawwan invastimantii biroorratti bobba’uun lammiileef carraa hojii uumuu fi waloon hojjechuuf fedhii qabaachuu ibsaniiru.