Fana: At a Speed of Life!

Walitti dhufeenya qaamolee Mootummaa sadeeniin sirna waloo ijaarra-Afyaa’ii Caffee

Finfinnee, Mudde 27, 2016 (FBC)-Walitti dhufeenyaa fi ida’ama hojii qaamoleen mootummaa sadeen taasisaniin sirna waloo cehuumsa naannoofi biyya keenyaa dhugoomsu ijaarra jedhan Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan.

Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan hordoffiifi to’annoo Koreewwan Dhaabbii Caffee Oromiyaa Godinaalee, Aanaaleefi Magaalota adda addaa keessatti taasisaa turan ilaalchisee akka jedhanitti sirni walhordofuufi to’achuu qaamolee mootummaa gidduu jiraachuun dimokiraasii kan dagaagsu, itti fufiinsa sirnaa kan dhugoomsuufi caalmaan ammoo, fayyadamuummaa lammiilee mirkaneessa jedhan.

Walitti dhufeenyaafi ida’ama hojii qaamoleen mootummaa sadeen taasisaniin sirna waloo cehuumsa naannoofi biyya keenyaa dhugoomsu ijaarra. Qaamoleen Mootummaa sadeen, imaammataafi tarsiimoo mootummaan baase wayita hojiirra oolchanitti hojimaata ittiin walhordofaniifi to’atan diriirsuun ammoo jabinaafi itti fufiinsa sirnaa mirkaneessuun gamatti, fayyadamummaa lammiilee dhugoomsa.

Hordoffiifi to’annoon karaa Koreewwan Dhaabbii Caffee Oromiyaa gaggeeffamu kunis, galma gahiinsa hojii kanaa keessatti qooda olaanaa qabaata.

Karoora bara kana qabannee hojjechaa jirruun walakkaa waggaa irratti argamna. Kana sababeeffachuun, Koreewwan Dhaabbii Caffee Magaalota shaniifi Godinaalee sadii keessatti hordoffiifi to’annoo marsaa 1ffaa gaggeessanii jiru.

Turtii dirree irratti taasisaniinis, hojiiwwan misoomaa, kenna tajaajilaa manneen hojiifi haqaa, bulchiinsa gaariifi inisheetiiviiwwan dameewwan misoomaan qabamanii hojjetamaa jiran daawwachuun qaamolee hawaasaa adda addaa waliin walqunnamuun marii bilchina qabu taasisanii jiru.

Koreewwan Dhaabbii keenya hojii qabatamaa dirreerra jiru erga hubataniin booda, gabaasa kurmaana 2ffaa manneen hojiin dhiyaatuuf dhiyeenyatti gamaaggamuun sadarkaa raawwiin manneen hojii irra jiru ilaalchisee duubdeebii kennuun hojiirra oolmaa isaa kan hordofan ta’uu ibsaniiru.

Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.