Fana: At a Speed of Life!

Walitti Dhufeenya Hawaasa Ollaa Daangaa Naannoo Oromiyaa fi Amaaraa Cimsuuf Hojjetamaa Jira

Finfinnee, Mudde 11, 2016 (FBC)- Walitti dhufeenya hawaasa Naannoo Oromiyaa fi Amaaraa jidduu jiru daran cimsuun rakkoo nageenya naannawaa daangaa irratti mul’atu furuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuun ibsame.

Qondaaltota Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Bahaa fi Naannoo Amaaraa Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Minjaar Shankoora waliin waltajjiin marii nageenyaa naannawaa daangaarratti xiyyeeffatee Magaalaa Mojootti gaggeeffameera.

Itti Gaafatamaan Paartii Badhaadhinaa Godina Shawaa Bahaa Obbo Laggasaa Taliilaa waltajjicharratti akka jedhanitti rakkoo nageenyaa daangaa Naannoo Oromiyaa fi naannoo Amaaraa, Aanaalee Godina Shawaa Bahaa Aanaalee Gumbichuu, Lumee, Boosaat fi Fantaallee, akkasumas Naannoo Amaaraa, Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Minjaar Shankooraatiin waldaangeessan furuun nageenya waaraa mirkaneessuu fi hariiroo fi waliin jireenya uummata Oromoo fi Amaaraa daran cimsuuf xiyyeeffaannoon hojjetamaa akka jiru dubbataniiru.

Qormaatilee fi hudhaalee mul’atan furuun walitti dhufeenya hawaasaa cimsuuf gaggeessaan Sadarkaan jiru fayyadamummaa uummataa mirkanneessuuf kutannoo fi xiiqiin hojjechuu qabu jedhaniiru.

Karaa qaxxaamuraatiin faayidaa hin malle argachuuf qaamoolee aangoo da’eeffachuun daldala kontiroobaandiirratti bobba’anii fi diina nageenya hawaasaa booressan irratti tarkanfii fudhachuun olaantummaa seeraa mirkanneessuuf hojjetamaa akka jirus obbo Laggasaan himaniiru.

Naannoo Amaaraatti Bulchaan Godina Shawaa Kaabaa Obbo Makaashaa Alamayyoon gama isaaniin daandii jijjiiramaa fi misoomaa biyyattiin jalqabde duubatti deebisuuf, diina biyya keessaa fi alaa walta’uun lammiileerratti gochaalee ajjeechaa, saamichaa fi shororkeessummaa raawwataa jiru dhaabsisuuf hawaasnii mootummaa waliin dhaabbachuun kutannoo fi tokkummaan hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Dabalataanis humnoota fiinxalleeyyii saaxiluun tarkanfiin cimaan fudhatamaa akka jiraachuu Dubbachuu ragaan Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.