Fana: At a Speed of Life!

Walitti Bu’insa konkolaataa  Aanaa Baakkoo Tibbeetti uumameen lubbuun namoota  3 darbe

Finfinnee, Amajjii 20, 2014 (FBC) –  Godina Shawaa Lixaa Aanaa Baakkoo Tibbee Magaalaa Shobokaa naannoo Laga Maraa jedhamutti walitti bu’insa konkolaataa abbaa gommaa 10 fi konkolaataa wal harkisu gidduutti uumameen miidhaan lubbuu namoota 3 fi qabeenyarra dhaqqabeera.

Konkolaataan walharkisu dhagaa cilee fe’ee daandii asfaaltii guddicha Finfinnee fi Lixa Oromiyaa wal quunnamsiisurra kan deemu yammuu ta’u, battaluma walitti bu’een abidda uumuun lubbuun nama 3 fi konkolaataan abbaan gommaa 10’nis waliin gubateera.

Konkolaataan wal harkisaan kun saffisa guddaan kan imalaa ture ta’uurra darbee yeroo fiigaa jirutti konkolaataa deddeebisa uummataa tokkos rukutee kan darbe ta’uu ibsameera.

Balaa uumame dandamachiisuuf hawaasni naannichaa yaalii lubbuu oolchuu taasisanis abiddi humnaan ol boba’uu irraan kan ka’e lubbuu fi qabeenya oolchuun dadhabamus, deeggarsa hawaasaa fi qaamolee nageenyaa boodderra abiddicha dhaamsuun daandiin banaa ta’uun tajaajilli geejjibaas itti fufee adeemamaa jiraachuu ragaan Waajjira Kominikeeshinii Godina Shawaa lixaarraa argame ni mul’sa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.