Fana: At a Speed of Life!

Walitti bu’iinsi Raashiyaa -Yuukireen dhaabbachuun Afrikaatti “Lubbuu Baraaruudha”-Azaalii Asumaanii

Finfinnee, Adoolessa 21, 2015 (FBC) – Walitti bu’iinsi Raashiyaa-Yuukireen dhaabbachuu jechuun oomishaalee fi midhaanota geejjiba galaanaan biyyootaa birootti ergaman irratti kan hirkatan namootaa kumaatamatti lakkaa’amaan baraaruu jechuu akka ta’e Dura Taa’aan Gamtaa Afrikaa Azaalii Asumaanii dubbatan.

Pireezidaantiin Koomooroosii fi Dura Taa’aan amma Gamtaa Afrikaa Azaalii Asumaaniin sirna baniinsa Yaa’ii Dureewwan Afrikaa Raashiyaa Magaalaa Piitarsibargitti gaggeeffamaa jirurratti haasawaa taasisaniiru.

Haasawaa isaaniin, Raashiyaa fi Yuukireen gidduutti “Waliin jireenya nagaa qabeessaa fi waliigaltee midhaanota geejjibsiisuu 2022 hojiirraa oolchuutti akka deebi’an hubachiisaniiru.

Yeroo ammaa waraanni Raashiyaa Yuukireen yoo itti fufe egereen tumsa jiruu balaa keessaatti akka kufu hubachuu qabna jedhaniiru.

Kanaaf oomishaalee alaa galan irratti kanneen hirkatan namoota kumaatamatti lakkaa’aman baraaruuf furmaata barabaaduun murteessaa ta’uu dubbachuu RT’n gabaaseera.

Sababa addaan ciccituu dhiyeessiin, qaala’iinsi gatii rifaasisaan mul’ate ardicha hedduu miidhuu kaasanii, diinagdee fi wabiin nyaataa Afrikaas balaarraatti kufuu ibsaniiru.

Nageenyummaan dhiyeessii midhaanii fi xaa’oo Raashiyaa fi Yuukireen irraa dhiyaatuu eegamee gara ardii Afrikaa akka galuuf qaamoleen dhimmichi ilaallatu haala mijeessuu akka qaban gaafataniiru.

Pireezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin, sodaan Raashiyaa yoo hiikame ariitiin gara waliigaltee midhaaniitti guutummaatti deebi’uuf qophii ta’uu himaniiru.

Dabaltaanis, Moskoon biyyootaa Afrikaa guddachaa jiran tokko tokkoof midhaan bilisaan akka dhiyeessitu waadaa galaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.