Fana: At a Speed of Life!

Walitti bu’iinsa kutaa Kaaba biyyattiin lammiilee buqqa’anii turan hojiin qe’eetti deebisuu milkaa’aa akka ture akeekame

Finfinnee, Adoolessa 15, 2016 (FBC)- Walitti bu’iinsa kutaa Kaaba biyyattiitti mudateen lammiilee buqqa’anii turan hojiin qe’eetti deebisuu milkaa’aa akka ture Ajaja Ittaanaa Ajaja Kaaba Dhihaa Meejer Jeneraal Mallasee Ballaxaan dubbatan.

Waliigaltee Nageenyaa Piriitooriyaa bu’uureffachuun sababa walitti bu’iinsaan lammiilee kuma 10 ol gara qe’ee isaaniitti deebi’uun ibsameera.

Jaarsolii biyyaa bakka bu’oota Naannolee Amaaraa fi Tigraay Aanaa Xallamtitti mariisisuun hojiin qophii duraa buqqaatota qe’eetti deebisuu gaggeeffamaa turuu kaasniiru.

Waxabajjii 22 hanga Adoolessa 5, 2016 hojiin qophii duraa buqqaatota deebisuu akkasumaa bulchinsota yeroo ummannii ofiin filate hojiin hundeessuu sadarkaa oliirraa hanga dakaatti kutaalee hawaasaa hirmaachisuun hojiin milkaa’aan hojjetameera jedhan.

Haaluma kanaan Raayyaan Ittisaa waliigaltee naannolee lameenii hojiirra oolchaa jiraachuu himan.

Yeroo ammaas haalli nageenyaa naannawichaa tasgabbaa’aa ta’uu eeruun, daldaltoonnii fi qonnaan bultoonni akkasumas kutaaleen hawaasaa biroon hojiilee isaanii sirnaan gaggeessaa jiraachuu FBC’n daawwannaa taasiseen hubachuun danda’ameera.

Taarikuu Waldasanbatitu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.