Fana: At a Speed of Life!

Walitti bu’iinsa Ityoophiyaatti mul’atan itti fufiinsaan furuuf Mareen biyyaalee gahee olaanaa qaba- Ambaasaddara Deenmaarki

Finfinnee, Caamsaa 19, 2014 (FBC) –Walitti bu’iinsa Ityoophiyaatti mul’atan itti fufiinsaan furuuf mareen biyyaalesaa gahee olaanaa qabaachuu Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Deenmaarki Kiiraa Ismiiz dubbatan.
Rakkoolee Ityoophiyaatti mudatan mariidhaan furuuf Komishiniin Marii Biyyaalessaa hundaa’uun adeemsa nageenyaa eegalame akka deeggaran himaniiru.
Miseensota komishinaachaa waliin mari’chuu kan eeraan Ambaasaaddarittiin, komishinichi hunda haala hirmaachiseen walitti bu’iinsa furuuf kan dandeessisu walga’ii bu’aa qabeessa uumamu hubadheera jedhan.
Mariin biyyaalessaa kun Ityoophiyaanonni ofii isaaniin nageenya waaraa mirkaneessuuf carraa kan uumuu waan ta’eef, komiishinichi hojiilee raawwatu dhaqqabamaa taasisuuf gamanumaan, waliigaltee uumaa adeemuun akka irraa eegamu eeraniiru.
Ambaasaddarittiin adeemsi marii eegalame akka cimu, deeggarsi namoomaa akka dhaqqabuu fi sarbama mirga namoomaa kanneen raawwataan seeraan akka itti gafataman taasisuuf adeemsa jiru biyyi isaanii kan deeggartu ta’uu himaniiru.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.