Fana: At a Speed of Life!

Walitti bu’iinsa Baha giddu galeessaaf furmaata siyaasaa kaa’uun barbaachisaadha – Pir. Maakroon

Finfinnee, Onkololeessa 14, 2016 (FBC) – Walitti bu’iinsa Baha Giddu galeessaaf furmaata siyaasaa kaa’uun barbaachisaa ta’uu Pireezidaantiin Faransaay Imaanu’eel Maakroon hubachiisaan.

Pireezidaanti Maakroon gita isaanii Ijipti Abdul Fattaahii Alsiisii waliin miidiyaaleef ibsa kennaniiru.

Shororkeessummaa qolachuun, nageenya hawaasaa tiksuu fi rakkichaaf furmaata siyaasaa laachuun dhimmoota ijoo ta’uu ibsa isaaniin eeraniiru.

Seerri idil addunyaa hundaaf qixa hojjechuu akka qabu ibsaniiru.

Dhimmi Baha Giddu galeessaa furmata waaraa kan barbaadu ta’uu dubbataniiru.

Hanqina qorichaalee Hospitaala Gaazaatti mudate furuuf Faransaay deeggarsa kan taasiiftu ta’uu Pireezidaanti Maakroon himaniiru.

Lolli Isiraa’eelii fi Hamaas gidduutti adeemaa jiru daraan hamaa ta’uu fi lubbuu lammiilee hedduu galaafachuu Pireezidaantiin Ijipti Abduulfattaa Alsiisiin ibsaniiru.

Hanga ammaatti lammiileen Filisxeem kumni 6 fi 546 fi lammiileen Isiraa’eel kumni 1 fi 400 ajjeeffamuu Anaaduuluun gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.